شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

duree

 Hajji`iifii umraa

Gatii hajji`iifii umra`aa
Adaba Imaltu`uu
Akkaataa hajji`iifii umraa hidhatuu
gosa hidhanna’aa 
Owwaatinsa ( attalbiya )
Waan nama hajji`iifii umraa hidhaterratti dhoowwamu
naamusa  Makka  seenu'uu
Xawaafa dhufiinsaa
Saysakha
Sa`yii
Arafaa dhaabbatuu
Arafa`arraa gara muzdalifa`aa dacha`uu
Muzdalifarraa gara mina yaa`u
Dalagaa guyyaa iida arafa`aa minatti dalagan
Mina buluu
Xawaafa dhaammanna`aa
umraa
Hajjiin ir`atuun waa afurin
Al`ihsaar ( dhoowwamuu )
Ziyaaraa masjida nabi muhammadiifii
Bid’aa bakka ziyaara’atti dhiifamuu qabdu
Waan nama madiinaa dhaqerraa barbaadamu
Dhuma kitaabaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

   
 

 

السعــى

SA'YII

Hoggaa salaata xawaafarraa raaw'ate yoo nama hajjii yookaa umraa godhu taye wanni gaarin hajarul'aswaditti deebi'ee ,qabatee dhungatee , mataa irra kaayatee eegasii gara sa'yi'ii deemuu.karaa safaatin masjidarraa bayee. hanga safa gayutti. duuba hoggaa safa gaye ka'ba'atti yookaa beyti'itti gara galee dhaabbatee hoggaa beytii ijaan arge hunoo akkana je'a :            

 }  الله أكبر ، الله أكبر ، الله أكبر ، ولله الحمد  الله أكبر على ما هدانا والحمد لله على ما أولانا  لا إله إلا الله وحده لا شريك له ، له الملك وله الحمد يحيي ويميت بيده الخير وهو على كل شيء قدير . لا إله إلا الله وحده لا شريك له أنجز وعده ونصر عبده وهزم الأحزاب وحده ، لا إله إلا الله ولا نعبد إلا إياه مخلصين له الدين ولو كره     الكافرون. {

{ allaahu akbar,allaahu akbar,allaahu akbar ,wa lillaahilhgamdu allaahu akbar kgalaa  maa hadaanaa walhgamdu lillaahi kgalaa maa awlaanaa .laa ilaaha illaallaahu wahgdahuu laa shariika lahuu lahulmulku walahulhgamdu yuhgyii wa yumiitu wa huwa kgalaa kulli shey'in  qadiir. laa ilaaha illallaahu wahgdahuu laa shariika lahuu anjaza wakgdahuu wa nasgara kgabdahuu wahazamal'ahgzaaba wahgdahuu.laa ilaaha illaallaahu walaa nakgbudu illaa iyyaahu mukhlisgiina lahuddiina, wa law karihalkaafiruun } . 

Ma'naan isaa :

Rabbiin guddaa , Rabbiin guddaa , Rabbiin guddaa ,faarun ta waaqati, Rabbiin guddate kan nu qajeelche. faarun ta Rabbiiti waan nu kenne hundarratti. Rabbii tokkicha malee Rabbiin biraa hin jiru . Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne.Rabbii mootummaan ta isaa taate. Rabbii faarun ta isaa taate. kan jiraachisu .kan ajjeesu. Wanni kheyrii taye hundi harka Rabbiiti jirti. inni kan waa hundarratti dandaytii guutuu qabu Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee Rabbiin biraa hin hiru. Rabbii ballama isaa guutee gabricha isaa nabi Muhammad gargaaree xilaata isaa kophaa isaa cabse .Rabbii tokkicha malee Rabbiin biraa hin jiru. nuti isa malee waan biraa hin gabbarru . diin keenya isaaf qulqulleessinee. odoo kuffaarilleen jibbee

Eega zikrii dabarte tana je'ee waan fedhe Rabbi khadhata.addunya'aafii aakhira'arraa .

Hoggaa du'aa'iidhatti seenu hunoo akkana je'uun gaarii     

 }اللهم انك قلت وقولك الحق  { ادعونى استجب لكم  } وانك لا تخلف الميعاد.وانى اسألك كما هديتنى للآسلام أن لا تنزعه منى  وان تتوفانى مسلما }

{ALLAAHUMMA INNAKA QULTA WA QUWLUKALHGAQQU.{ UDKGUUNII ASTAJIB LAKUM } WA INNAKA LAA  TUKH LIFULMIIKGAAD .WAINNII AS'ALUKA KAMAA HADEYTANII LIL'ISLAAMI ALLAA TANZAKGHUU MINNII WA AN TATAWAFFAANII MUSLIMAN }

Ma'aan isaa :

{ Yaa Rabbi ati na khadhaa isiniifan qeebalaa isiniifan kennaa jettee baallama seentee , ati baallama hin deeyduu wannin an si khadhu , yaa Rabbi akkuma na qajeelchitee islaama na gootetti huccuu islaamumma'aa narraa hin fuudhinii yaa Rabbi islaamumma'arratti na ajjeesu'un si khadhaa }.

Duuba eega waan kana je'ee ,waan fedhe Rabbi khadhatuun ni barbaadama .Ammoo talbiyaa sa'yii keessatti hin je'u .waan , waan biratti yaaddayuuf .zikri'iifii du'aa'ii hoggaa sadiisadii  deddeebisuun ni barbaadama 

Eega sanii safarraa gara marwaa amna jalqaba , Duuba odoo deemuu utubaa magarroo bira hoggaa gaye hanga durarra saffisee deema yookaa guula takkaa saysakha. hanga utubaa magariisa kan lammeysa'aa gayutti. Duuba hoggaa achi gaye suuta deema daddaffi'iin male'etti .hanga akkasitti deema'aa marwa gayutti.duuba bakka ol fuudhamtu'urra dhaabbateeti zikri'iifii du'aa'ii akka safarratti je'ee fida. Safarraa marwa dhufuu sa'yii turbanirraa takkatti lakkaawamti. eegasii marwarraa gara safaa deebi'a isaa bakka suuta deeman suuta deemee bakka jarjaraan deeman saffisee deemu. Hanga safa gayutti marwarraa safatti deebi'uun ta lammeysa'aati akkanatti deemee hoggaa torba guuta

  

فـروض  الســعى

FARDII SA`YII  

Dalagaan sa'yiin argamtuun yookaa fayyaa taatu afuri :

1  dachii safaafii marwa jidduu jirtu hunda deemsan fixuu.kan bakka irraa jalqaberraa waa takka hin dhiifne . kan bakka amni itti dhumurraa  waa takka hin dhiifne .tanaaf jecha hirpha isaa bakka irraa amna jalqabutti maxxansuu ammoo bakka amni itti dhumutti qubbeen miilaa maxxansuu. wanni gaarin hoggaa jalqabu  tabba safaa ol bayuu . hoggaa marwa gayus tabba marwaa ol bayuu.akka dachii safaatifii dachii marwarraa waa takka hin hafne hoggaa dhaqaniifii haggaa deebi'anillee .

2  safarraa amna jalqabanii , marwatti fixuu

3  hoggaa torba safaafii marwa jidduu naannawuu. Hubanti'iin .Tanaaf jecha odoo torba guutemoo hun guunnee shakke lakkooysa irra xiqqa'aati qabata. Fakkeessa'aaf yoo hoggaa shanimoo jahan safaafii marwa jidduu deddeebi'e je'ee shakke , shani je`eeti kan jaheessa'aa fida

4  Sa'yiin eega xawaafa fayyaa qabuutii tayuu . Xawaafni fayyaa qabu sun xawaafa quduumaa yookaa dhufeensaa tayuu ,xawaafa ifaada'aa tayuu.

Yoo eega xawaafa quduumatii kan sa'yii godhe taye eega xawaafa ifaada'aatii sa'yii deebisuun ni jibbama,sa'yiin ibaadaa deddeeffamuun isi'ii karaa godhamee mitii

  ســـنن  الســعى

SUNNAA  SA`YII  

sunnaan sa'yi'ii waa as deemu kana :

1  Naannawuu sa'yi'ii torban wal faana oofuu . akkasuma xawaafafii sa'yii wal faana oofuu .haa tayuu xawaafa dhufiinsaa godhee odoo sa'yii hin godhin yoo arafaa dhaabbate eega xawaafa arafa'aatii sa'yii godhuun isa qabe

2  Hoggaa safaafii marwa jidduu deemufii hoggaa ceyu du'aa'ii as deemtu tana qara'uutu barbaadama.

 } رب اغفر وارحم وتجاوز عما تعلم انك تعلم مالا نعلم انك انت الأعز الأكرم ربنا آتنا فى الدنيا حسنة وفى الآخرة حسنة وقنا عذاب النار

{RABBIGHFIR WARHGAM WATAJAAWAZ KGAMMAA TAKGLAM INNAKA TAKGLAMU MAA LAA NAKGLAMU INNAKA ANTALGAKGAZZUL'AKRAM. RABBANAA AATINAA FIDDUNYAA HGASNATAN WAFIL'AAKHIRATI HGASANATAN WAQINAA KGAZHAABANNAAR}

ma'naan  isaa :    

{ Yaa Rabbi naaf araarami rahgmata naaf godhi waan balleessaa taye kan ati beytu hunda irra naaf dabri .ati mootii jabaa waan fedhe dalagu. arjaa kennaan isaa bal'oodhatii Yaa Rabbi addunyaa tana keessatti waan gaarii nuu tolu hunda nuu kenni . aakhira'attis waan gaarii nuu tolo hunda nuuf kenni . Yaa Rabbi kgazhaaba ibiddarraa nagaya nubaasi }

Yoonif sa'yii keessatt qur'aanuma qara'aadhaa deeme santu irra caala .yoo du'aa'ii nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu je'aa nuun je'e taate malee.

3  namni sa'yii godhu xaahira tayuu awraa if dhoysuu saala if dhoysuu

4  bakka ciyan ciyuu . bakka suuta deeman suuta deemuu. Ammoo yoo rakkoo fa'aaf  ceyuu dadhabe nama ceyu if fakkeessuu. Dhalaan sa'yii keessatti hin ceyuu suutuma akka aada'atti deema .

5  wanni gaarin yoo dadhaban malee sa'yii keessatti yaabbatuu dhabuu

6  ammallee huccuu harka jalaan fudhatuu .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com